Waajjirrii Galiiwwan Aanaa Amiinyaa Konkolaata gurguuruu barbaada



Bid closing date
Caalbaasiin Gaazexaa kallachaatiin bahee kanturu guyyaa 9/07/2016 hangaa guyyaa 8/08/2016 guyyoota 30(soddomaaf)

Bid opening date
Guyyaa 5/08/2016 sa’aa 4:00

Published on

(Mar 21, 2024)

Posted

Bid document price
Qarshii 800.00

Bid bond
25%

Region


Arsii

Caalbaasii Konkolaata

Waajjirrii Galiiwwan Aanaa Amiinyaa Qabeenyaa Abbaa Idaa Maqaa Obboo Yaaragaal Yifiradawu (Dhaabbata Ijaarsa Kiros Landii) jedhamuun Galmaa’ee kan jiru Gibira Mindaa hojjettootaa irraa barbaadamuu bara Gibira 1/07/2015 hanga 30/06/2016 Gibira Ijoo qarshii 306,0707.14 Dhala Baankii Qarshii 275,165.59,Adabbii Qarshii 291,619.98 waliigala (Ida’ama) Qarshii 3,627,492.71 (Miliyoona Sadii, Kumaa Dhibbaa Jahaaf kumaa diigdamii torbaaf,dhibbaa Afuriif sagaltamii lamaafi saantima71/100) kanfaluu waan dideef qabeenyaa isaa kan ta’ee konkolataa Loodarii Gatiin ka’umsaa Qar. 1,345,936.48 (Miliyoona tokkoo, kumaa dhibbaa sadiif kumaa Afurtamii shaniif dhibbaa sagaliif soddomii shanii fi saantima 48/100) kan ta’ee akkaataa Labsii Bulchiinsaa Taaksii Lakk.203/2009 kew.43(9) fi Qajeelffamaa qabaa qabeenyaa abbaa idaa lakk.18/2012tiin karaa waajjira Galiiwwan Godina Arsiitiin Caalbaasiin gurguree mootummaaf Galii gochuu barbaada. Kanaafuu,Ulaagaa armaan Gadii namni guutu hundii Dorgomee bitachuu ni danda’a.

1. Namni Umriin isaa Waggaa 18 ta’e hundii Caalbaasii kana irrattii hirmaachuu kan danda’uu yoo ta’uu,haala Caalbaasichaa fi konkolaatichaa kan ibsu qajeelfama fi sanada(bilbila) qophaa’ee akkasumas kan ittiin Gatii bittaa dhiyeessan kan hin deebinee Qarshii 800(dhibbaa saddet) Waajjira Galiiwwan Godina Arsii Gamoo Lakk.205ttii hangaa Guyyaa dorgommiin gaggeeffamuu Ganama sa’aa 4;00 ttii bitachuun ni danda’ama.

2. Beeksiifni kun guyyaa kallachaa Gaazexaa Oromiyaa irrattii Bahee Eegalee Guyyoota walittii Aanaan 30(soddomaaf )Bakka konkolaatan kun jiru Aanaa Amiinyaa Magaalaa Addeellee Ganda 01 Eddoo Addaa Dallaa Waajjira Poolisii keessattii ilaaluu ni Danda’ama..

3. Dorgomtootni Caalbaasichaa Gatii konkolaatan ittiin gurguramuu fi ka’umsaa (25%) kabachiisa caalbaasichaatiif qabsiise Sanada baanki Dal. Itoophiyatiin mirkanaa’ee (C.P.O) dhiyeessuu qaba

4. Dorgommichii sanada(billittoo)Tarreeffama haala konkolaataa ibsuu bituuf barbaaduu kallaattii gatii dorgomaan dhiyeessee bakkaa jedhuuttii gatii ittiin bitachuu barbaadu san lakkofsaa fi qubeen guutee mallatteessuun poostaa saamsameen saanduqaa caalbaasii qophaa’ee Waajjira Galii Godinaa keessattii argamuu keessaa galchuun dorgomuu ni dandaa’a.

5. Caalbaasiin Gaazexaa kallachaatiin bahee kanturu guyyaa 9/07/2016 hangaa guyyaa 8/08/2016 guyyoota 30(soddomaaf) yoo ta’uu, dorgomtootaa fi bakkaa bu’ootnii isaanii bakkaa jiranittii guyyaa 5/08/2016 sa’aa 4:00 ttii W/G Godina Arsiittii Lakk.Biiroo 201ttii ifattii banamuun jalqabama.

6. Dorgamaan kamiyyuu Gatiin innii bitachuuf dhiyeessee hangii caalbaasicha koreen ilaalee ifattii ibsamuuttii dhaabbataa ta’a.

7. Dorgomaan moo’atee guyyaa firii caalbaasichaa ifattii ibsamee irraa eegalee Guyyoota 15(kudha shan) gidduuttii Maallaqaa kabaja caalbaasichaaf qabsiisee irrattii maallaqaa hafee dabalee kafaluun konkolaticha fudhachuu qaba kan Moo’atamee immoo Maallaqnii kabachiisaa Caalbaasitiif qabsiisee 1/4 (25%) ni deebi’aaf

8. Jijjirraa maqaa Abbaa Qabeenyummaan wal qabatee baasiwwan barbaachisuu dorgomaan kan ofii isaatii raawwatee (fixatuu) ta’a.

9. Dorgomaan moo’atee Guyyaa 15(kudha shan) keessattii dhiyaatee fudhatee maqaa ofittii hin jijjirree yoo ta’e Maallaqa kabachiisaa caalbaasitiif 1/4 (25%) qabsiisee mootummaaf Galii ta’ee qabeenyicha irraa deebi’ee Caalbaasiin yookan haalaa birootiin waajjirrii Galiiwwan Aanaa Amiinyaa Gurgurachuu mirgaa guutuu qaba.

10. Waajjirrii Galii gatii haala fooyya’aa yoo argatee Caalbaasichaa Gartokkeenis ta’ee guutumaan guututtii haqauuf mirgaa ni qaba.

Odeeffannoo dabalataatiif 022 238 8937 ykn 022 331 1339 fayyadama.Suuraa konkolata Telegirama Garee seeraa Godina Arsii fi kan hoggantootaa fi Garee irraa ilaaluun ni danda’ama

Waajjirrii Galiiwwan Aanaa Amiinyaa.

Company Info