Waajjirri Maallaqaa Godina Gujii Waajjira Fayyaa Godina Gujiitiif pirojektii ijaarsa Bishaan Buufata Fayyaa Aanaa Adoolaa Reeddee Dugda Goromsaa fi Hospitala Uraagaa Qotinsa Boolaa gadi fagoo (Drilling) caal-baasii ifaatiin wal-dorgomsisee hojisiisuu barbada.



Bid closing date
04/08/2016 hanga sa’aati 6:00tti

Bid opening date
04/08/2016 sa’aati 8:00tti

Published on

(Mar 21, 2024)

Posted

Bid document price
Qarshii 200.00

Bid bond
%1.5

Region


Caalbaasii Ifaa bahe

Waajjirri Maallaqaa Godina Gujii Waajjira Fayyaa Godina Gujiitiif pirojektii ijaarsa Bishaan Buufata Fayyaa Aanaa Adoolaa Reeddee Dugda Goromsaa fi Hospitala Uraagaa Qotinsa Boolaa gadi fagoo (Drilling) caal-baasii ifaatiin wal-dorgomsisee hojisiisuu barbada. Kanafuu caal-baasii irraattii dorgomtootni hirmachuu barbadaan, bu’urumaa armaan gaditti ibsameen dhiyaatanii dorgomuu ni dandessu.

  1. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaanittin heeyyamaa daldalaa Bishaan GC 5 fi isaa oli seera qabeessa ta’ee, facaatii dhiyyeesitoota /supply list/ kennaa tajajilaa biyyaa keessa raga sanadootaa ittin galma’an fi Ragaa lakkofsa TN fotoo koppii isaa sanadaa caal-baasii walin qabsisaan dhiyyeesuu qabu.
  2. Caal-baasii bara bajaata 2016 irraatti hirmachu akka danda’an Abba Taayitaa Gaalliwwannii irraa gibira Bara Kan ittin kaffalan raga fotto koppii dhiyyeffachu dirqama qabu.
  3. Dorgomtooni dhiyaatan galma’aa taaksii dabalataa (VAT) galmaa’uu isaanitiif ragaa fotoo kooppii dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu qaba.
  4. Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Kun Gaazeexxaa Kallalcha oromiyaatiin ba’ee eegalee guyyoota hojii 15/ kudha shan/keessaattii yeroo hundaa sa’aati hojii Mootummaa maallaqaa hin deebine qr. 200.00 (dhibba lama) kaffaluun Garee Bittaa fi Bulchinsa dhabamsiisa Qabeenyaa fi Tajaajila wali gala puulii waajjira maallaqaa Godina Gujiittii lakk. 9tti dhiyaachuun sanadicha bitachuus ta’e deebisu ni danda’u.
  5. Dorgomaan kaamiyyuu kabachiisa Caalbaasiif kan olu gatii tilmammaa bittaa waligalaa %1.5 maqaa waajjira maallaqaa Godina Gujiitiin CPO Baankiidhaan mirkanaa’e,Baankii Gaaraantii sanada Orijinaala caalbaasicha waliin qabsiisee dhiyeessuu qaba.
  6. Dorgomtootni sanada caalbaasi poostaa saamsameen, Orjinaalaa fi kooppii addaan baasuun guyyaa 04/08/2016 hanga sa’aati 6:00tti WM Godina Gujiitti Sanduqa Caalbaasicha kanaaf qophaa’e keessa galchuu qabu.
  7. Caalbaasichi gaafa guyyaa 04/08/2016 sa’aati 8:00tti dorgomtootni ykn bakka bu’oonni seeraa isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma WM Godina Gujii keessatti banama.
  8. Mo’ataan caal-baasii ijaarsa ji’a jaha keessattii xumuru qaba.
  9. Afaan caal-baasichii ittinii geggeeffamuu Afaan hojii mootummaa Naannoo Oromiyaatti. Waajjirri Fayyaa Godina Gujii filannoo fooyyee yoo argatee caal-baasichaa guutummaan guututti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan eegamedhaa. Odeeffannoo dabalataaf Lakk.Bil- 046 335 1559

Waajjira Maallaqa Godina Gujii Adoolaa Reeddee.

Company Info